OPDOf shibbisuu?
Akka dhagahamutti wallisaa Taaddalaa Gammachuu miseensa OPDO akka tahee fi wareegama sabani keenya gabroonfataa fi ergamtoota isaanii irratti godhaa jiru keessatti tarree saba isaa osoo hin taane diina cinaa akka dhaabbatee dha. Yeroo goototni barattoota Oromoo Fincila Diddaa Gabrummaa finiisnaa turanitti fincila kanatti bishaan naquuf yeroo tokko ergamaa TPLF Abbaa Duulaa Minaasee waliin barattoota University Finfinneetti akka bobba'e himama. Kun xinnoo bubbulus ar'as taanaan namni kun qabsoo sabni keenya gabrummaa of irraa fonqolchuuf godhaa jirutti kan hin amanne, yeroma hunda gabri gooftaa isaaf ergamuu fi buluun uumaa isaa akka tahe kan amanu natti fakkaata.
Odeessaa fi gumgummiin kun dhugaa taanan, ar'a qophii "aadaa" inni gaggeessu irratti qooda fudhaachuun maqaa sabboontotaa kan xurreessuu fi walliftoota sabboontota biyya keessatti rakkoo diinagdee fi kan gabroonfataan irraan gahuun osoo hin jilbeenfatin qabsoo keenyaaf bobaa'aa fi humna tahan akkasumas ummata keenya diinaaf osoo hin jilbeeffatin dhaloota dhufu bilisummaa dhaalchisuuf wareegama baasaa jiruuf kabajaa dhabuu mul'isa.
Gama birootiin Waldaan dargaggoota Oromoo eenyummaa wallisaa Taaddalaa Gammachuu qoratee adda osoo hin baafatin Oromoon akka dibbee isaa dha'u haala aanjeesssuun kanneen jaarmaya kana dursan hawwii malee dandeettii fi ogummaan hogganna kennuu akka ir'atu agarsiisa.
Kanneen" bu'aa fi nagummaa yeroof jedhanii diinaaf bitaman ykn hojjatan bilisummaa fi nagummaan isaaniin hin malu" jedha beekaan tokko.
Joobiraa dha
No comments:
Post a Comment