Gootota Oromoo bilisummaaf wareegaman akkamitti yaadanna?
Ummatni Oromoo gabrummaa Mootummaa Habashaa jalaa bahee tarree ilmaan namaa walaba tahanii akka dhaabaatu goototni Oromoo kumaatama hedduutti lakkaayaman wareegama lubbuu baasanii jiru. Kanneen lakkoobsaa caalaan osoo murna boddeessaa fi shanyii duguugaa ilmaan Tigraayiin durfamu gootummaan osoo falman harka diinaa bu'uun dararaan kana hin jedhamne irra gahaa jira. Kumaatamatti kan lakkaayaman yeroo walakaa jaarraatti dhihaatuu sadoo fi qananii mataa isaanii lagatanii haala ulfaataa keessatti xuriin seenaa gabrummaan Habashaa saba keenya hallite akka diiga isaanitiin dhiqamu halkanii fi guyyaa diinaa wajiin falmaa jiru.Qabsoon keenya ganna /bifaa jaarmayaatiin/ 30 ol lakkaa'attus, gootonni kumaatamaan lakkaa'aman wareegama lubbuu fi qaamaa baasanis, hammeenyi gabroomfattuun Habashaa murna Tigraayiin durfamu ummata keenya irraan gahu daran hammaachuu malee hin wayyoofne. Ar'a lammiin Oromoo surriin isaa fayyaa qabuuf hammeenyi kun dhokataa hin tahu. Hunda caalaa kan nama gaddisiisu mootummaan Tigree duula "shororkeessitoota" irratti biyyootni dhihaa gaggeessaniin goolgate sodaa tokko malee ummata keenya irratti duula duguuggii gaggeessaa jiraachuu dha.. Ummatni Oromoo uumaa dhaan ummata safuu beeku, ilmaan namaa hundaa kabajaa qabuu fi nagaa jaallataa tahus, afaan qawweetiin bilisummaan isaa jaarraa tokko dura waan mulqameef ar'as sabni Oromoo booj'amaa ykn hidhamaa empaayera Toophiyaa ti. Sabni Oromoo akkumma saba kamii bilisa tahee dhalatus hariiroo jaarraa tokko dura nuu fi Habashoota gidduutti uumameen/ hariiroo booj'aa fi booji'amaa/ Tigrootni ar'a jaarraa 21ffaa keessatti ummatni Oromoo of bulchuu, hiree isaa ofiin murteeffachuu, akka saba ykn ummata cunqurfamaa kamii roorroo of irraa ittisuuf dandeettii waan qabuu hin sehan. Oromoon qe'ee isaa keessatti diina lubbuu isaa galaafatuuf itti bobba'u dura dhaabbachuun akka yaakkaatti fudhatu Tigroonni. Oromoo akka busaawaa rasaasa of irratti eeguu malee dandeettii fi muratnoo akka namaa falmaatuu danda'uu akka hin qabneetti amanu warri TPLF. Ijaa tuffii dangaa hin qabneen saba Oromoo guddicha ilaalu.Murni Tigree saba bichuu irraa bahee ummata Oromootiin wal bira yenna qabnu bilisummaa ofiituu alagoota ollaa irra humnaan ittifachuu danda'uu kan hin mallee, sodaa tokko malee golee Oromiyaa hundaa keessatti qu'ee Oromoo hundaa shororkeessaa jiraachuu fi qu'ee awaalchaa gochuu tuffii kana irraa maddaa. Ajjeechaa gaara suufii, kan ijoollee Oromoo qalamaa fi dabtara qofa qabatanii..... walumaa gala ajjeechaan saba keenya irra gahu tuffii kana calaqqisa.Kun hundi sabni isaa Sabni Oromoo boojuu diinaa tahuu irraa kan ka'e seenaan gootummaa dagatamuu ykn onneen saba keenyaa hammeenya diinatiin doomuu dha. Kanaaf bara hunda yommuu gootota keenya yaadannu, gootummaa Sabni Oromoo seenaan qabu sana deebisanii qabsiisuun akka sodaa tokko malee mataa ol qabatee diina dura dhaabbachuu danda'u wareegamni isaan baasan akka bakka hin gahin jiru hubannee, dachaa hojjachuu dhaan gootummaan saba keenyaa akka bara jaarraa 16ffaatti deebi'ee akka boba'u fakkeenya tahuu qabna. Dhalootni kun booree ykn haaloo, xiiqii guddaa baadhannee jirra. Osoo kan kaleessaa haasofnu fafa kana dhaloota dhufanitti dabarsuu hin qabnu.